Dhiphachuu║Jeeqamuu (Stress) Dhiphinni dhukkuba sammuu irraan miidhaa geessisuu danda'uu dha. Dandeettii hanga namni yaaduu danda'uu ni
Dhiphachuu║Jeeqamuu (Stress) ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Dhiphinni dhukkuba sammuu irraan
miidhaa geessisuu danda'uu dha. Dandeettii hanga namni yaaduu danda'uu ni
hir'isa. ❏ Namni yeroo hundumaa dhiphatu mallattoolee kanneen akka: ➊ Kophaa
ta'uu! ➋ Hojii sirnaan hojjechuu dhabuu yookiin karaa miidhaa geessisuun
hojjechuu! ➌ Walitti dhufeenya yookiin hariiroo namootaa waliin qabu dhaabuu! ➍
Hirriiba nagaa dhabuu! ❏ Yaadoleen Dhiphina Namatti Fidan Kanneen akka: ⁃ Bakka
yaadan hanqachuu, ⁃ Dhiibbaa hiriyaa, ⁃ Qusannaa dhabuu, ⁃ Odeeffannoo sobaa, ⁃
Ofitti amanuu dhabuu, ➎ Dhiphinaan namni miidhame dandeettiin, haamileen yookiin
anniisaan waan tokko hojjechuu isaa gadi bu'aa adeema. ➏ Waan tokko itti fufee
hojjechuuf sababa dhabsiisa. Jireenya akka hiika hin qabneetti itti mul'ata.
Dhiibbaan kuni walitti dabalamee yaada sammuu isa gaarii yaaduu fi xiinxaluu
danda'u irraan miidhaa geessisa! ❏ Dhiphina Ooluudhaaf Maal Gochuu Barbaachisa?
⁃ Wanta hojjetan ija gaarummaatiin ilaalanii hojjechuu fi itti gammaduu! ⁃ Wanta
keessa ofiitti yaadan baasanii dubbachuu! ⁃ Ofitti amanuu! ⁃ Guyyaa guyyaadhaan
waan haaraadhaan of dammaksuu! (Motivate yourself daily) ⁃ Faaruu, muuziqaa,
yookiin wanta jaalatan dhaggeeffachuu!
0 comments :