Waamicha haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuu ni fudhanna'-Humnoota Tigraay. Humnoonni Tigraay waamicha Gamtaa Afrikaa (AU) dabalate hawaasni idil-addunyaa haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabaa jedhu nan fudhadha jedhe.
Waamicha haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuu ni fudhanna'-Humnoota Tigraay.
Humnoonni Tigraay waamicha Gamtaa Afrikaa (AU) dabalate hawaasni idil-addunyaa haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabaa jedhu nan fudhadha jedhe.
TPLF ibsa Onkolooleessa 16, 2022 baaseen, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN), Gamtaan Afriikaa (AU), US fi Gamtaan Awurooppaa (EU) hawaasni idil-addunyaa biroo waamicha ‘‘dhukaasni atattamaan akka dhaabbatu jechuun Fulbaana 11, 2022 baasne deeggaruun fudhatanii ture.
"Haata’u malee, ammallee hojiin qabatamaa kana dhugoomsu hin raawwatamiin jira," jedhe.
Gamtaan Afrikaa ibsa Onkoloolessa 15, 2022 baaseen waraanni kaaba Itoophiyaa cimee itti fufuun akka isa yaaddesse himuun, dhukaasni haal-duree tokko malee dhaabbachuun tajaajiloonni namoommaa akka deebiyanii eegalaniif waamicha taasiseera waamicha taasiseera.
Qaamooleen wal waraanatti jiran marii Gamtaa Afriikaatti Bakka Bu’aa Olaanaa Gaanfa Afriikaafi deeggartoota hawaasa idil-addunyaatiin Afriikaa Kibbaatti marii kallattii taasisuuf yaadameen mariitti akka deebii’aniif Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Maahaamaat gaafateera.
0 comments :