Toora Xiyyeeffannoo Mootummaa Waggoota Afran Dhufanii - Ijaarsa Manneen Barnootaa Sadarkaa Duraa
Toora Xiyyeeffannoo Mootummaa Waggoota Afran Dhufanii - Ijaarsa Manneen
Barnootaa Sadarkaa Duraa❗️ Muummeen Ministaraa Mootummaa FDRI Kab. Dr. Abiyyi
Ahimad guyyaa lama dura mana marii bakka bu'oota ummataa (Paarlaamaatti) argamun
ibsa keennan irratti waggoota arfan itti aanan keessatti Yuunivarsitiin haaraan
ijaarru hin jiraatu, baldhinaan kanneen ijaarru fi irratti xiyyeeffannu manneen
barnootaa sadarkaa jalqabaa fi idilee duraati jechuun isaanii yaadatama. Haasaan
muummicha qabatamaa tahu isaaf agarsiiftuun hojii godinoonni muraasni Oromiyaa
keessatti yeroo ammaa hojjachaa jiranii dha. Godinoonni sababa rakkoo
nageenyaatiin fuula isaanii guutummaan gara misoomaa deebiisuuf rakkatan akkuma
jiran, godinoonni baayyeen immoo kallatti hojii mootummaa qixaan hojiitti hiiku
irratti argamu. Manneen barnootaa idilee duraa (Bu'uura Booru) jedhaman kan
hirmaannaa hawaasaa qofaan ijaaramanii xumuraman Godina Harargee Lixaatti
eebbiffamuu eegalaniiru. Guyyaa har'aas Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan
Dhuggootti ji'oota sadan darbaniif hirmaannaa hawaasaa qofaan gandoota baadiyyaa
fi magaalaa aanichaa hunda keessatti ijaaramaa kan turan guyyaa har'aa
eebbiffamanii daa'imaniif banaa taasiifamu dhageenyeerra. Aanaan Shanan
Dhuggoo jedhamu kun yeroo darbee Aanoota Godinichaa jiran biroo irraa
addatti Mana Barnoota Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO)'f barattoota baayinaan
dabarsuu danda'uu isaatiin beekkamtii argachuu isaas odeeffanneerra. Hojii
Gaarii Jajjabeeffamu Qabu
0 comments :