Awwaalchi jumlaa hoggantoonni fi hidhattoonni garee shororkeessaa TPLF kumaatamatti lakkaa’aman itti awwaalaman Magaalaa Carcaritti argame!
Oduu Addaa!
= = = = = = ==
Awwaalchi jumlaa hoggantoonni fi hidhattoonni garee shororkeessaa TPLF kumaatamatti lakkaa’aman itti awwaalaman Magaalaa Carcaritti argame!
Mootummaan haleellicha hordofee tarkaanfii seera kabachiisuufi duula birmadummaa gaggeesseen balaan birmadummaa biyyattiirratti aggaamame qolatamuu danda’uufi gartokkeen waraana dhaabuu labsuun kutannoo nageenyaaf qabu qabatamaatti mul’isuu eerameera.
Haa ta’u malee gareen shororkeessaa TPLF daa’imman dirqiin waraanaatti bobbaasuun naannolee Amaaraafi Afaar irratti irra deddeebiin weerara raawwachuun uummata naannoo Tigraay maraammartoo waraanaa keessatti ijoollee isaa dhabsiisuu fi ammas gocha badiisaa kanarraa hin deebi’iin jiraachuun ibsameera.
Wareegama Raayyaa Ittisa Biyyaan bakkeewwan garee shororkeessaa TPLF jalaa bilisa ba’aa jiranitti icitiin garichaa ifa bahaa jiraachuu eerameera.
Hoggantoonni garichaa hidhattoota isaa dirqiin waraannatti hirmaachiseef illee hangam garaa jabaataa akka ta’e awwaalchi jumlaa Carcaritti argame kan mul’isudha jedhame.
Kallatti Baha Magaalaa Carcariin awwaalchi jumlaa hidhattootaa fi hoggantoota garee TPLF kan argame yoo ta’u, kunis hoggantoonni garichaa dhiiga Ummata Tigraayiin aangorra turuuf tattaaffii taasisaa jiran mul’isa jedhameera.
Awwaalcha Jumlaa kanaaf koodiin kan laatameef yoo ta’uu, tokkoon tokkoo awwaalchaa keessatti reeffii namoota 3-5 awwaallamuu ibsameera.
Hidhattoonni kunneen akkaatuma sadarkaa fi aangoo isaaniin kan awwaallaman tahuu mallattoon awwaalchicharratti argamu kan agarsiisu ta’uutu ibsame.
Hidhattoonni awwaalcha tokko keessatti, akkasumas hoggantoonni iddoo tokkotti awwaallamuu koodiin laatameef kan agarsiisu ta’uu ibsameera.
Dabalataan hoggantoonni olaanoon garichaa iddoo tokkotti holqa keessaa Saanduqa Reeffaa keessaatti argamuutu ibsame
Waliigala awwaalchi Jumlaa Carcaritti argame iddoo saditti kan qooddame yoo ta’uu, awwaalcha Hidhattootaa, hoggantoota olaanoo fi hoggantoota olaanoo waraana dursaa turan ta’uu eerameera.
Maddi OBN Afaan Oromoo
0 comments :